Obbo Dammaqaa Makkoonniin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Isitraa’eel waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 4, 2013 (FBC) -Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimmaa alaa FDRI obbo Dammaqaa Makkoonni Ministira Ministeera Dhimma Alaa Isiraa’eel Gaabbii Ashaknaazii waliin dhimmoota haala yeroorratti mari’atan.
Obbo Dammaqaan hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa jiru Gaabbii Ashaknaaziif ibsa taasiisaniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa biyyattii keessatti nagaa fi tasgabbii buusuu garee badii naannoo Tigraay ummata daheeffatee jiru seeratti dhiyeessuuf murannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Akkasumas marii sadee hidha haaromsaa mariisiisummaa Afrikaa Kibbaan gaggeeffamaa jiraachuu Obbo Dammaaqaan ibsaniiru.
Dabalataan mootummaan Isiraa’eel weerara hoomaa Awwaannisaa Ityoophiyaa muudate ittisuuf deeggarsa meeshaalee fi ogeeyyii taasiiseef galateeffataniiru.
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Isiraa’eel Gaabbii Ashaknaazii gama isaaniin haala waaqtaawaa Ityoophiyaa keessa jiru itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu eeraniiru.
Mariin sadee Hidha Haaromsaa Milkiin akka xumuramu abdii qabaachuu isaanii ibsaniiru.
Obbo Dammaqaan Ministira Ministeera Dhimma Alaa ta’uun muudamuu isaaniif ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Hariiroo Ityoophiyaa fi Isiraa’eel bara dheeraa lakkoofsise caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu qaamooleen lameen marii gaggeessaniin ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI irraa argamen muul’isa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment