Obbo Dammaqaa Makkonniin haala waqtaawaa naannoo Tigraay ilaalchisee dippiloomaatootaaf ibsa laataniiru

Finfinnee, Muddee 26, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministrri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makkonniin haala waqtaawaa naannoo Tigraay ilaalchisee garee bakka bu’oota Ambaasaaddarootaa, deeggarsa namoomaa fi deebisanii dhaabuuf ibsa taasiisaniiru.

Maricharratti Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kamiil, Ministir deettaan dhimma alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Komishinarri bulchiinsa hoggansa ittisa sodaa balaa Mitikkuu Kaasaa fi daayreektarri bulchiinsa dhimmoota godantootaa fi deebisanii dhaabuu argamaniiru.

Miseensota garee deeggarsa namoomaa fi deebisanii dhaabuuf galata dhiyeessaniiru.

Naannichatti dhiyeessin midhaan nyaataa fi meeshaaleen yaalaa dhiyaachaa jiraachuu fi deeggarsi namoomaas haaluma karoorfameen raawwatamaa jiraachuu ibsa taasiisaniiru.

Obbo Dammaqaan haaluma waliigaltee mootummaa Ityoophiyaa fi dhaabbata mootummoota gamtoomaniin deeggarsi namoomaa dhiyaachaa jiraachuu qaamolee kanneeniif ibsa taasiisaniiru.

Yeroo ammaa naannichatti bu’uraalee misoomaa deebisanii ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu ambaasaaddaroota kanneeniif ibsaniiru.

Bulchiisi yeroo naannichaa fedhii misoomaa ummataa guuduuf hawaasa hirmaachisuun bulchiinsi sadarkaa garaagaraa jiru tajaajila barbaachisu akka laatuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Ministiroonnii fi aanga’oonni mootummaa waltajjicharratti argamanis haala naannoo Tigraayitti uumame furuuf hojii hojjetamaa jiru ilaalchisee odeeffannoo dabalataa laataniiru.

Sosochii namoomaa naannicha keessa jiru caalmaatti guddisuuf qaamolee kanneen waliin qindominaan hojjechuuf hubannoon dandeessisu uumamuu ibsameera.

Ambaasaaddaroonni ibsi laatameefis ibsa mootummaan Ityoophiyaa haala waqtaawaarratti laatef dinqisiifachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment