Obbo Binnaalfi Anduwaalam Itti Gaafatamtuu Biiroo Afrikaa Sagantaa Misoomaa Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 13, 2015 (FBC)- Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Binnaalfi Anduwaalam Itti Gaafatamtuu Biiroo Afrikaa Sagantaa Misoomaa Dhaabbataa Mootummootaa Gamtoomanii Ahunaa Iziyaakoonwaan waliin mari’taniiru.

Marii isaaniin raawwii waliigaltee nageenyaarratti, adeemsa ijaarsa nageenyaa keessatti hariiroo jiru cimsuu fi bu’aa qabeessummaa Koomishinii Haaromsa Biyyaalessaa dhiyeenya hundeeffame irratti waloon hojjechuurratti mari’achuun ibsameera.

Sagantaan Misoomaa Dhaabbataa Mootummota gamtoomanii, adeemsaa ijaarsa nageenyaas ta’e hojiilee deebisanii dandamachiisuu, buqqaatota qe’eessanitti deebisuu koomishinii haaromsa biyyaalessaa irratti waloon hojjechuuf tumsa akka taasisan Ahuuna Ziziyaakoonwaa mirkaneessaniiru.

Obbo Binnaalfi gama isaaniin deeggarsaa fi walta’iinsaa taasifamaafi jiruuf galateeffachuu ragaan Ministeericharraa argamee ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment