Obbo Binnaalfi Adu’aalem Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Turkii waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2016 (FBC)-Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Binnaalfi Andu’aalem Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Turkii fi Gamtaa Afrikaatti Bakka Bu’aa Dhaabbataa, Baraak Baraan waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, Adeemsa ijaarsa nageenyaa Ityoophiyaa cimsuun danda’amu fi hidhattoota kutaalee biyyattii garaagaraa keessa jiran hidhannoo hikaachuun gara jireenya idileetti deebisuu haaloota dandeessisaanirratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Dabalataniis, akkataa adeemsa Marii Biyyaleessaa bu’aa qabeessaa taasisuun danda’amurrattis mari’ataniiru.

Itiyoophiyaa fi Turkii hariiroo waggoottan dheeraa kan lakkoofsisaanii fi walta’iinsa qaban ta’uu isaaniin fuulduraatti dhimmoota garaagaraarratti waliin kan hojjetan ta’uun eeramuu ragaan Ministeeraa Nageenyarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment