Obbo Binnaalf Andu’aaleem dhaabbileen amantaa nageenya waaraa buusuuf qooda olaanaa qabu jechuun ibsan

Finfinnee, Bitootessa 12, 2014 (FBC)- Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Binnaalf Andu’aaleem hoggantoota boordii yaa’ii dhaabbilee amantaa waliin mari’ataniiru.

Marichaanis dhaabbileen amantaa nageenya waaraa buusuuf qooda olaanaa akka qabanii fi gufuuwwan ergama nageenyaa akka hin baanee taasisaanirratti marii taasisaniiru.

Obbo Binnaalf marichaan dhaabbileen amantaa nageenya waaraa buusuuf qooda olaanaa qabu jechuun ibsaniiru.

Nageenya waaraa buusuufis gaheesaanii akka ba’ataan mootummaan cinaa isaanii akka dhaabbatu himaniiru.

Hoggantoonni boordii yaa’ii dhaabbilee amantaas gama isaaniin, rakkooleen Ityoophiyaa keessatti muudatan hedduu ta’uu ibsuun, fala furmaataaf waloon hojjechuu akka qaban himuu ragaan Ministeera Nageenyaarra argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment