Obbo Awwaluun sagantaan Yayyaba gurmaa’insa bulchiinsa magaalaa Bulee Horaa jalqabsiisan

Finfinnee, Hagayya 6, 2015 (FBC) – Itti Aanaan Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin sagantaan Yayyaba gurmaa’insa bulchiinsa magaalaa Bulee Horaa jalqabsiisaniiru.

Sagantaan Yayyaba gurmaa’insa bulchiinsa magaalaa Bulee Horaa sadarkaa 2ffaa C irraa gara magaalaa olaanaatti taasifamu yayyabameera.

Sagantaa kanaan bulchiinsi magaalichaa hundeeffama isaa waggaa 100ffaa kabajateera.

Obbo Awwaluun yayyaba kanarratti ergaa dabarsaniin, mootummaan naannoo Oromiyaa misooma magaalaarratti cichee hojjetaa jiraachuu himaniiru.

Hojii mootummaan hojjetuun cinaatti abbootiin qabeenyaa tumsa akka taasiisan waamicha dhiyeessuu OBN gabaaseera

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment