Finfinnee, Amajjii 7, 2017 (FMC) – Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin Dhaabbata Teekinoolojii Biyya Emereetoota Araba Gamtoomanii Reach Dijital jedhamu waliin mari’ataniiru.
Mariin isaanii dhimmoota tajaajila Mootummaa Naannoo Oromiyaa dijitaaleessuu haalota dandeessisurratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.
dhaabbanni Reach dijital muxannoo waggoota dheeraaf biyyoota 38 irra qabu qindoomina Abbaa Taayitaa Saayinsii fi Teekinooloojii Oromiyaa akkasumas, dhaabbata misoomaa MNO “O-Tech” waliin akkaataa kenna tajaajilaa dijitaalawaa diriirsuun danda’amu irratti waloon hojjachuuf mari’ataniiru.
Obbo Awwaluun kenna tajaajilaa fooyyeessuuf hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsuu ragaan Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.