Obbo Awwaluu Abdiin raawwii hojii kilaastera Arsii Bahaa gamaaggamaa jiru

Finfinnee, Mudde 17, 2016 (FBC) – Pireezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin raawwii hojii kilaastera Arsii Bahaa gamaaggamaa jiraachuu ibsameera.

Gamaaggama raawwii hojii dhimmoota nageenyaa, hojii misoomaafi siyaasaa irratti xiyyeeffatu kana irrattis bulchiinsi godinaalee, magaalotaafi aanaalee hirmaachaa jiraachuu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Godinni Shawaa Bahaa, Arsii fi Arsiin Lixaan gamaaggamicharratti hirmaachaa kan jiran yoo ta’uu, magaalaan Adaamaa, Mojoo, Baatuu, Shaashamannee, Asallaa, Dodolaafi Bishooftuunis gamaaggamicharratti hirmaachaa jiru jedhame.

Waliigalaan aanaalee 50 ta’an gamaaggama kanarratti hirmaachaa jiraachuu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment