Obbo Awwal Arbaan aanaa Hanruukitti hojiilee misoomaa qonnaa daawwatan

Finfinnee, Guraandhala 13, 2015(FBC)- Jilli Pireezdaantii naannoo Afaar Obbo Awwal Arbaan durfamu godina Gabii Rasuu aanaa Hanruukitti hojiilee misoomaa qonnaa daawwateera.

Obbo Awwal aanichatti adeemsa qamadii kombaayinaraan sassaabuu eegalchiisaniiru.

Dabalataanis ooyiruu ruuzii lafa heektaara 250 irratti misoome daawwataniiru.

Aanichatti lafa heektaara kuma 1fi 712 irratti qamadiin, lafa heektaara 221 irratti margi beelladaafi lafa heektaara 430 irratti shunkurtiin oomishamaa jiraachuu eerameera.

Mootummaan naannichaa misooma qonnaaf kallattii addaa kaa’uuniifi xiyyeeffannoo kennuun kilaastaroota garaagaraan adeemsa oomisha walitti qabuu eegaluu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment