Finfinnee, Gurraandhala 13, 2012 (FBC) – Obbo Ashabbir Baalchaa hoji raawwachiisaa olaanaa Humna Elektirikii Ityoophiyaa ta’uun muudamaniiru.
Naannoo Oromiyaa magaalaa Ambootti bara 1973 kan dhalatan obbo Ashabbir barumsa isaanii sadarka 1ffaa fi 2ffaa achuma magaalaa Ambootti barataniiru.
Barnoota isaanii olaanaan Yuunvaarsitti Aarbaa Mincirra Makaanikaalaa Injinaarigiin digirrii jalqabaa fudhataniiru.
Biritaaniyaa guddittii Yuunvaarsiitii Giriinwiitirraa Bizinasiin digirii lammaaffaa (Maastarsii) argataniiru.
Iswiidiin Yuunvaarsiitii KTH damee inaarjiin barnoota dabalaataa fudhataniiru.
Obbo Ashabbir barnoota makaanikaaliin erga eebbifamanii dhaabbata biiraa Baddalee baatii 7f tajaajilaniiru.
Hagayya bara 1996 eegalanii humna elektirikii Ityoophiyatti miindeffamuun proojaktii sarara daddabarsa humnaa Gimbii- Mandii – Asoosaa hojii eegalaniiru.
Proojaktii maddisiisa humna bishaanii Takkazzee Amajjii bara 1997 eegalanii hanga Caamsaa bara 2003 gaggeessaa makaanikaal injinaaringii ta’uun tajaajilaniiru.
Caamsaa bara 2003 hanga Fulbaana 2012tti hoji gaggeessaa proojaktii maddisiisa humna bishaanii Gabaa ta’uun erga tajaajilaniiru.