Obbo Ashaadlii Hasan naannichatti qophii Ashaaraa Magariisaa bara kanaa daawwatan

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2014 (FBC) – Preezdaantiin naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashaadlii Hasanii fi Waajjira Muummee Ministeeraatti qindeessaan Giddugala Ijaarsa Sirna Diimokiraasii Dooktar Biqilaa Hurriisaan  qophii Ashaaraa Magariisaa bara kanaa naannichaa daawwataniiru.

Naannichatti sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf qophiin biqiltuu fi boolla biqiltuu xumuramuu ibsameera

Sadarkaa naannichaatti biqiltuuwwan faayidaa diinagdee qaban irratti xiyyeeffatamuu Obbpo Ashaadiliin eeraniiru.

Waajjira Muummee Ministeeraatti qindeessaan Giddugala Ijaarsa Sirna Diimokiraasii Dooktar Biqilaa Hurriisaan gamasaaniin, tattaaffii jiru dinqisiifachuun biqiltuuwwan waggoottan darban dhaabaman haala gaariirra jiraachuu ibsuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment