Obbo Ashaadilii Hasan Aanaa Abiraamootti qamadii misoome daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan Aanaa Abiraamootti qamadii misoomee daawwataniiru.

Wayita daawwannichaattis, qamadiin aanichatti misoome haala gaariirra jiraachuun bu’aa hirmaannaa qonnaan bultootaa hanga hoggansaatti taasifamee ta’uu dubbataniiru.

Waggoottan dhufanis naannichatti oomishtummaa qamadii guddisuun gabaaf dhiyeessuu bira darbee warshaaleef dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa Abiraamoo Obbo Attaalaay Darajjeen gama isaaniin, aanichatti lafa hektaara kuma 1 fi 600 sanyii qamadiin uwwifamuu ibsanii, aanichattis gandoonni 33 qamadii kilaastaraan misoomsaa jiraachuu dubbataniiru.

Misooma qamadii kanaan oomisha kuntaala kuma 125 argachuuf karoorfamuu ragaan miidiyaa naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment