Finfinnee, Sadaasa 23, 2012 (FBC) – Adurreen Lil Bub Fesbuukii fi Inistaagiraama irratti hordoftoota miiliyoona 5.5 qabdi.
Abbaan Adurree kanaa, Maayik Biridaaviskii, du’a ishee hordoftoota isheef miidiyaa hawaasummaa Inistaagiraam irratti ibseera.
Adurreen kuni adurree kaanirraa ija isheenis ta’e arraba isheetin adda dha. Gatamtee kan argamte yoo ta’u dinkii taate dhalatte.
Kanaafuu, akka adurree kaani osoo hin guddatin adurreedhuma xinnannuu taate hafte.
Obbo Biridaaviskii akka jedhanitti adurreen kuni bineeldota gargaarsa fedhaniif hanga yoonaat dolaara 700,000 ol walitti qabde.
Boodarra beekkamtii horattee saganta televijinii Ameerikaa irratti dhihaachu eegalte.
Gargaarsa gara agaraa kan argatte yoo ta’u shoowi Yuutubirraa qabdi, dokimantariin kutaa hedduu qabdi.
Biridaaviskiin gaafa Wiixataatti akka beeksisetti taanaan adurreen kuni akkuma rafteen Dilbata ganama duute argamte.
Du’uu ishee inistaagiraama irratti erga ibsee booda namni kuma 58 ol yaada jalatti kenneera, hedduunis qoodaniiru.
Fesbuukii gubbaa hordoftoota miiliyoona 3 ol kan qabdu yoo ta’u gadda isaanii ibsataniiru.
Maddi:- BBC