Obbo Ahimad Shiideen Pireezidaantii Baankii Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 25, 2015 (FBC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen Pireezidaantii Baankii Addunyaa Ajaay Baangaa waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota hariiroo waloo dhaabbatichaa fi Ityoophiyaa caalmaatti cimsuu danda’anirratti mari’achuu isaanii ibsameera.

Tumsi misoomaa Ityoophiyaa fi Baankii addunyaa gidduu jiru misooma itti fufaa fi hunda galeessa galmeessuuf kan gargaaru ta’uu Obbo Ahimad Shiideen ibsaniiru.

Oomishaa fi Oomishtummaa dorgomaa ta’een ce’umsa diinagdee saffisiisuuf fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa marsaa 2ffaaf karoorfame hojiitti hiikuuf carraalee jiranii fi qormaatilee muudachuu malan ilaalchisee Obbo Ahimad Shiideen ibsa laataniiru.

Pireezidaantiin haaraan Baankii Addunyaa gumaacha adeemsa jijjiirama baankichaaf yeroo gabaabaa keessatti taasisanii fi dandeettii faayinaansii baankichaa guddisuuf tarkaanfiiwwan bu’aa qabeessa fudhataniif galateeffataniiru.

#Oromia #ethiopian

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment