Obbo Ahimad Shiideen jila Saa’ud Arabiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 27, 2014(FBC)- Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Saa’ud Arabiyaa Dooktar Fuhaad Alhumayidaanii fi jila dhaabbata Misoomaa Saa’ud Arabiyaa waliin mari’atan.

Mariisaaniin haala walta’iinsa diinagdee biyyoota lameenii gara sadarkaa olaanaatti guddisuun danda’amurratti mari’achuu ibsameera.

Dabalataanis mootummaa Ityoophiyaafi Dhaabbata Misoomaa Saa’ud Arabiyaa gidduutti sanada waliigaltee yeroo turtii liqaa dheeressuu waliif mallatteessuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment