Obbo Ahimad Shiideen Barreessaa olaanaa Komishinii Diinagdee Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 17, 2016 (FBC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen Barreessaa olaanaa Komishinii Diinagdee Afrikaa Kilaavar Gaateetee waliin mari’ataniiru.

Haala hariiroo Itiyoophiyaa fi kominichaa caalmaatti cimsuun danda’amurratti mari’achuu ibsameera.

Itiyoophiyaan fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa dabalatee Diinagdee Gooroorratti fooyya’iinsa garaagaraa taasiisaa jiraachuu Obbo Ahimad Shiideen ibsaniiru.

Biyyattiin guddina diinagdee mirkaneessuun lammiilee ishee fayyadamoo taasiisuuf Komishinii Diinagdee Afrikaa waliin tumsaan kan hojjettu ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment