Obbo Ahimad Shideen Ministira Ittaanaa Faayinaansii fi Diinagdee Kooriyaa Kibbaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 27, 2016 (FBC)- Ministirri Ministeera Maallaqaa Ahimad Shideen Ministira Ittaanaa Faayinaansii fi Diinagdee Kooriyaa Kibbaa Kiim Biyoongi Hiwaan waliin mari’atan.

Marii isaaniin Obbo Ahimad Shideen, Itiyophiyaa fi Kooriyaan Kibbaa hariiroo waggoota dheeraa wareegama dhiigaarratti bu’uureffate kan qaban ta’uu yaadachiisan.

Waliigaltee faayinaansii Doolaara biiliyoona 1 Kooriyaan Kibbaa Itiyoophiyaa waliin mallatteessiteefis galateeffataniiru.

Kana malees Itiyoophiyaan biyya diinagdeen guddachaa jirtuu fi riifoormiiwaan diinagdee gaggeessaa jirtu ta’uu ibsuun Kooriyaan Kibbaas deeggarsa faayinaansii Itiyoophiyaaf taasisuu akka itti fuftu gaafataniiru.

Dabalataan hariiroo diinagdee fi faayinaansii Itiyoophiyaa fi Kooriyaa Kibbaa sadarkaa caalutti ceesisuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Kiim Biyoongi Hiwaan gama isaaniin, hariiroo biyyoonni lameen damee faayinaasii fi diinagdeen qaban cimsuuf kan hojjetan ta’uu akeekanii, deeggarsa faayinaasii biyyi isaanii Itiyoophiyaaf taasisuu kan itti fuftu ta’uu mirkaneessaniiru.

Dabalatan damee diinagdee fi faayinaansiin muuxaannoo waliif qooduuf kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.

Hariiroo biyyootaa lameenii caalmaan cimsuufis tumsa damee hedduu jirutti dabalataan walta’iinsi damee hedduu jiraachuun murteessa ta’uu kaasuu ragaan See’ulitti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment