Finfinnee, Bitootessa 8, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen Daayrektara Olaanaa Itti Aantuu Dhaabbata Gargaarsa Daa’immanii Mootummoota Gamtoomanii Kiitii Vaan Daar Haayjiidaan fi Itiyoophiyaatti Bakka Bu’aa Dhaabbatichaa Abuubakar Kaampoo walin mari’ataniiru.
Mariisaaniin, haala waliin hojjechuun danda’amuu fi tumsa isaanii cimsuun danda’amurratti mari’achuu ragaan dhaabbaticharraa argame ni mul’isa.
Dabalataanis daa’imman bakka hundatti tajaajiloota hunda akka argatan dandeessisuuf dameewwan irratti hojjechuun danda’amurratti mari’achuu eerameera.
#Oromia #Ethiopia