Obbo Ahimad Shideen Daayrektara Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa walii mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 30, 2016 (FBC)- Ministirri Ministeeraa Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee fi Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Maammoo Mihiratuun Daayrektara Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa Kiristaaliinaa Joorjiyeevaa waliin mari’ataniiru.

Mariin isaaniis Walga’ii waggaa Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa fi Baankii Addunyaa Morookootti gaggeeffamaa jiru cinaatti Daayrektaraa dhaabbatichaa waliin maricha’uu ragaan Baankii Biyyaalessarraa argame ni mul’isa.

Mariin isaaniis sagantaa riifoormii diinagdee gooroo mootummaa taasisaa jiruu fi galma ga’iinsa sagantichaaf akkaataa deeggarsa taasisuun danda’amurratti marii bu’aa qabeessaa taasisuun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment