Obbo Ahimad Shideen Ambaasaaddara Jarmaan waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2013 (FBC)- Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Jarmaan Isteefaan Awuur waliin mari’ataniiru.
Turtii isaaniitin karaa hariiroo diinagdee biyyoota lamaanii cimsuu dandeessisan irratti mari’ataniiru.
Ministirichi Ityoophiyaan Afrikaatti biyyoota ga’umsa invastimantii ta’aan keessaa ishee tokkoo ta’uu isheetin, dhaabbileen daldalaa Jarmaan Ityoophiyatti hirmaannaa invastimantii taasisaan akka itti fufaan ibsaniiru.
Mootumman Jarmaan deeggarsa Ityoophiyaaf taasisuufis galateeffataniiru.
Ministirichi deeggarsa namoomaa fi deebisanii dhaabuu naannoo Tigraayiin walqabisiisee ambaasaaddarichaaf ibsa taasisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment