Obbo Ahimad Shideen Afrikaa Bahaa fi Afrikaa Kibbaatti Ittaanaa Pireezidaantii Baankii Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2015 (FBC) – Ministirri Ministeeraa Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen Afriikaa Bahaa fi Afriikaa Kibbaattii Ittaanaa Pireezidaantii Baankii Addunyaa Viktooriyaa Kiwaakiwaa waliin mari’ataaniiru.

Walga’ii Waggaa Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Maallaqaa Addunyaarratti, Obbo Ahimad Shideen, Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Silashii Baqqalaan, Afriikaa Bahaa fi Afriikaa Kibbatatii Ittaanaa Pireezidaantii Baankii Addunyaa Viktooriyaa Kiwaakiwaa fi Ityoophiyaatti Daayrektara Baankii Adduunyaa Osmaan Diyoon waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniis sagantaalee mootummaan xiyyeeffannaan dursaa kennuun irratti hojjetuu fi rakkoolee misoomaa mudataa jiraan furuuf deeggarsa bankichi taasisaa jirurratti kan xiyyeeffateedha jedhameera.

Obbo Ahimad Shideen dhimmoota misooma Ityoophiyaarratti, rakkoolee diinagdee fi tarkaanfiilee diinagdee tasgabaa’aa ijaaruuf fudhatamaa jiranirratti ibsa kennaniiru.

Waggoottan muraasa darbanitti rakkoolee gama hedduun mudataanirratti deebii baankichi kennee fi kutannoo argisiiseef galateeffataniiru.

Wayita marii kanatti dameen oomishaa humna guutuu akka fayyadamuuf dhimmoota barbaachisan kaasaniiru.

Carraa hojii hunda hirmaachisee fi guddina waaraa deeggaruuf, hariiroo hawaasummaa cimsuu, dandeettii saaxilamummaa dandamachuu gabbisuu, naannawaan walitti bu’iinsi ture akka dandamatan taasisuu fi deebisaanii ijaaruu dabalatee dandeettii damee oomishaa guddisuun barbaachisa ta’uu ibsaniiru.

Ittaanaan pireezidaantichaas gufuulee Ityoophiyaa mudataniif fooyyessa diinagdee taasisuun akka barbaachisu kaasanii, naannawaa daldalaa uumuun misooma damee dhuunfaan hogganamu babal’isuu fi hojiirra oolchuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaan boqonnaa jijjiiramaa haaraa hojiirra oolchuu fi fedhii misoomuu yeroo dheeraa qabdu deeggaruuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment