Obbo Ahimad Shidee Korporeeshiniin maallaqaa Idil Addunyaa damee dhuunfaa guddisuuf deeggarsa taasisaa jiru dinqisiifatan

Finfinnee, Bitootessa 29, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee Korporeeshiniin maallaqaa Idil Addunyaa Ityoophiyaatti damee dhuunfaa guddisuuf deeggarsa taasisaa jiru dinqisiifataniiru.

Obbo Ahimad Shideen Korporeeshinii maallaqaa Idil Addunyaatti daayreektara Afrikaa Bahaa Jumookee Jaanguul Dookuumuun waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin korporeeshinichi Ityoophiyaatti damicha giddisuuf tattaaffii taasisaa jiru dinqisifachuu ibsuun, dhaabbatichi haala mijataa damee dhuunfaasaa uumuuf proojektota hojjechuuf karoorseerratti qorannoo gaggeessaa jiraachuu eeraniiru.

Mootummaan Ityoophiyaas damee teeleekominikeeshinii dhuunfaan banuuf tattaaffii taasifamuuf dhaabbatichi deeggarsa agarsiisee akkasumas dameewwan biroorratti taasisuu cimsee akka itti fufuu abdiin qaba jedhaniiru.

Korporeeshinii maallaqaa Idil Addunyaatti daayreektarri Afrikaa Bahaa Jumookee Jaanguul Dookuumuun, dhaabbanni isaanii Ityoophiyaa waliin hariiroo cimaa akka qabu ibsaniiru.

Korporeeshinichis Ityoophiyaatti damee dhuunfaa isaa invaasti gochaa akka jiru hubachiisaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment