Obbo Aganyawu Tashaagar biyyoota garaagaraa waliin hariiroo paarlaamaarratti mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 5, 2016 (FBC)- Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyawu Tashaagar biyyoota garaagaraa waliin hariiroo paarlaamaarratti mari’ataniiru.

Jilaa Obbo Aganyawu Tashaagartiin durfamu yaa’ii waggaa paarlaamaa biyyoota miseensaa BRICS Raashiyaa Magaalaa Peetisbergitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jira.

Yaa’ichaan cinaattis gareewwan jilaa paarlaamaa Raashiyaa, Azarbaajaanii fi Iraan waliin hariiroo gamlameerratti mari’ataniiru.

Afyaa’ii Kaawunsilii Raashiyaa Vaalentiinoo Ivaanoovinaa waliin marii taasisaniin, biyyoonni lameen hariiroo waliigalaa qaban daran guddisuun barbaachisaa ta’uu fi hariiroo parlaamaa cimsuunis walitti dhiyeenyaan hojjechuun akka barbachisu kaasaniiru.

Dabalataan hariiroo Paarlaamaa biyyoota lamaanii cimsuuf muuxannoo waljijjiiruu, leenjii fi deeggarsa biroo cimsuun akka barbaachisu eeranii, hojiitti seenuufis waliigalteerra ga’amuun ibsameera.

Obbo Aganyawu gama isaaniin Itiyoophiyaan jijjiirama hunda galeessaa taasisaa jirturratti ibsa kennuun, fuuldurattis Kaawunsilii Paarlaamaa Raashiyaa waliin walta’iinsi taasifamu cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment