Obbo Aganyaaw Tashaagar Ambaasaaddara Kaanaadaa  waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 26, 2015(FBC)- Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyaaw Tashaagar Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Kaanaadaa  Isteefan Joobiin waliin hariiroo biyyoota lameeniirratti  mari’atan.

Mariisaaniin ,Ityoophiyaan rakkoo  Siyaasaa uumame karaa  marii nageenyaan  hiikuuf koomishinii Marii Biyyaalessaa hundeessuun hojjechaa jiraachuu obbo Aganyaw ibsaniiru.

Ityoophiyaafi Kanadaan biyyoota  sirna Fedeeraalawaa hordofan waan ta’aniif  tokkumaa biyyalessummaa fi sirna qooddii bajataa akkasumas wantoota biroorratti Ityoophiyaan Kaanaadaarraa muuxxannoo fudhachuuf qophii ta’uu eeran.

Kana malees deeggarsa gama hundaa Kaanaadaan Ityoophiyaaf taasiftu dinqisiifataniiru.

Manni Maree Federeeshinii Ityoophiyaas gitasaa Kaanaadaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Isteefan Joobiin gamasaaniin , hariiroon biyyoonni lameen gama hawaasummaan ,diinagdee fi siyaasaan qaban yeroo dheeraaf turuu dubbataniru.

Deeggarsa gama maraa biyyattiin Ityoophiyaaf taasistu cimsitee kan itti fuftu ta’uu kaasaniiru.

Biyyoonni lameen hariiroo walakkaa jaarraa akka qaban ibsuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment