Finfinnee, Onkololeessa 19, 2017 (FBC) – Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa fi Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Dimookiraasii Obbo Adam Faaraah Hoggantoota Komishinii Inispeekshinii fi Naamusa Paartii Komunistii Chaayinaa waliin mari’ataniiru.
Obbo Adam haasawaa taasisaaniin, Paartii Cimaa ijaaruuf gaheen Naamusaa fi Inspeekshinii olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Paartiin Badhaadhinaa yeroo gabaabaa keessatti miseensoota hedduu horachuun caasaa isaa babal’isaa jiraachuu eeruun, miseensoonni naamuusaan ummataa akka tajaajilaaniif hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Hoggansi Komishinii Inispeekshinii fi Naamusaa Paartii Komunistii Chaayinaa Waangi Shiinchii gamasaaniin, barbaachisummaa, hojiilee,Itti gaafatamummaa fi akkaataa hojmaataa Inispeekshinii fi Naamusaa Paartii isaanii irratti ibsa kennuu ragaan Paartii Badhaadhinaarra argame ni mul’isa.