Obbo Adam Faaraah dabaltee Qondaaltonni Paartii Badhaadhinaa hojiilee misoomaa daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2016 (FBC)- Pireezidaatiin Ittaanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah dabalatee qondaaltonni olaanoon Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Dassee fi Kombolchaatti hojiilee Misoomaa garaagaraa daawwataniiru.

Wayitaa daawwannichaatti Obbo Adam Faaraah akka jedhanitti magaalonni Baahirdaar, Dassee fi Kombolchaatti hojiileen misoomaa hojjetaman kanneen biroof muuxannoo fi fakkeenya kan ta’aniidha.

Mootummaanis itti gaafatama ummataa itti kenname sirnaan bahachuu akka danda’utti abbootiin qabeenyaa deeggarsa taasisan jiraachuu himuu ragaan Paartii Badhaadhinaa Damee Naanno Amaarrarraa argame ni mul’isa.

Magaalonni Dassee fi Kombolchaa yeroo gabaabaa keessatti adeemsa jijjiiramaa olaanaarraa jiraachuu ibsaniiru.

Tokkoon tokkoo hoggansa naannawichaas ummata waliin qindoominaan yoo hojjete yeroo gabaabaa keessatti badhaadhina hunda galeessaa mirkaneessuun akka danda’amu argisiistuu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment