Obbo Abrahaam Allehenyi itti gaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhinaa naannoo Amaaraa ta’uun muudaman

Finfinnee, Sadaasa 2, 2013 (FBC) – Obbo Abrahaam Allehenyi itti gaafatamaa waajjira Paartii Badhaadhinaa naannoo Amaaraa ta’uun muudaman.

Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa naannichaa ta’uun tajaajilaa kan turan obbo Aganyi Tashaagar Preezdaantii naannoo Amaaraa ta’uu muudamuun isaanii kan yaadatamuudha.

Sababa kanaan obba Abrahaam itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa naannoo Amaaraa ta’uun muudamuu isaanii ragaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa argame ni muul’isa.

Obbo Abrahaam Allehinyi waajjira Paartii Badhaadhinaa naannoo Amaaraatti itti gaafatamaa dame siyaasaa ta’uun tajaajilaa turaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

Comments (0)
Add Comment