Finfinnee, Gurraandhala 6, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Baankii Daldalaa Ityoophiyaa obbo Abbee Saanoo keessummoota eebba gamoo Waajjira Muummee Baankii Daldala Ityoophiyaarratti argaman galateeffataniiru.
Obbo Abbeen Sirna eebbichaarratti haasaa taasisaniin, baankichi gamoo guddaa fi bocaa biyyatti kan ta’ee ijaarsisuun eebbisuusaaf baga gammaddan jedhaniiru.
Baankichi waggaa 80ffaa isaa wayita kabajuutti gamochi eebbifamuun isaa adda isaa taasisa jedhaniiru.
Baankii jalqabaa biyyatti kan ta’ee baankii daldalaa Ityoophiyaa biyyatti keessaatti hojii baankiin shooraa olaanaa ba’aata jira jedhaniiruu.
Kutaalee biyyatti hundaattis dameelee hedduu qabuun hawaasaaf tajaajilaa ga’aa laataa jira jedhaniiru.
Akkasumas qormaatilee biyyatti muudatan dandamachiisuuf deeggarsa taasisaa akka turees himaniiru.
Baankichi tajaajila teeknooliijii deeggaramee laachuusaan hojii olaanaa hojjetaa jiras jedhaniiru.
Akkasumas uummattoonni biyyatti amanummaa baankichaarra qabdaniif hedduun isiin galateeffadhas jedhaniiru.
Hojjettoonni baankiichaa namuusan maamiltoota keessummeessuf hojii hojjechaa jirtaniif galatoomaa jedhaniiru.
Gamoon kun ijaarramee hanga xumuramutti qaamolee ga’eesaanii bahataan galateeffataniiru.
Gamoon baankii ammayyaa kun darbiiwwan 53 kan qabuu fi galmaa namoota kuma 2 ol qabachuu danda’uu of keessaatti kan qabu fi galmoota xixiqqas qaba jedhaniiru.
Manaa nyaata hojjettootaa fi damee baankiis, giddugalli agarsiisaa fiilmii, akkasumas iddoo bashaannanaa daa’immanii fi ispoortii qaba jedhaniiru.
Obsee Waakgaariitiin
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.