Noorwey eegumsa naannawaarratti Ityoophiyaa waliin walta’iinsa qabdu cimsitee akka itti fuftu ibsite

Finfinnee, Sadaasa 6, 2015(FBC)- Noorweey eegumsa naannawaa fi ittisa jijjiirama qabeenyaa qilleensaarratti Ityoophiyaa waliin walta’iinsa qabdu cimsitee akka itti fuftu ibsite.

Ministirri Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaa Ityoophiyaatti Ambaasaddaraa Noorwey haaraa muudaman Isteeyin Kiristeensan waliiin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, Dooktar Fitsum, Noorwey tumsitu misoomaa Ityoophiyaa yeroo dheeraa ta’uu dinqisiifatanii, walta’iinsi kunis dameewwan hedduurratti cimee itti fufuu akka qabu dubbataniiru.

Ityoophiyaatti eegumsa naannawaa fi jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuurratti sagantaalee fi tarsiimoowwan wixineessiteerratti ibsa kennuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ambaasaaddar Isteeyin gama isaaniin, biyyi isaanii Ityoophiyaa waliin dhimootaa fi sagantaalee hedduun, keessumaa, eegumsa naannawaa fi ittisa jijjiirama qabeenya qilleensaarratti tumsaa fi michummaa ishee cimsitee itti fufuuf kutannoo jiru ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment