Noorwey deeggarsa namoomaa Ityoophiyaatti taasiftu cimsite akka itti fuftu beeksifte

Finfinnee, Mudde 14, 2015(FBC)-Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Noorwey fi Gamtaa Afrikaatti Bakka Bu’aan Dhaabbii Noorwey Ambaasaaddar Istiyaan Kiristiinsan biyyi isaanii, Ityoophiyaatti deeggarsa namoomaa taasiftuu fi adeemsa deebisanii dandamachiisuuf taasiftu cimsitee akka itti fuftu beeksisan.

Ambaasaaddar Istiyaan, Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nageenyaa Dooktar Diimaa Nagawoo waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin Noorwey kutaa Kaabaa Ityoophiyaa fi kutaalee birootti walitti bu’iinsa uumameen bu’uuraalee misoomaa fi kutaalee hawaasaa miidhaman deebisanii dandaachiisuuf tattaaffii taasifamuuf deeggarsa taasiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsameera.

Mootummaan walitti bu’iinsa karaa nagaan furuuf tattaaffii taasisaa jiruuf Mootumaan Noorwey akka jajjabeessitu ibsaniiru.

Dooktar Diimaa Nagawoo gama isaaniin, rakkoolee biyyattii mudatan keessatti guddina lammiilee gama maraa dhimmoota mirkaneessan itti fufsiisuuf nageenyi murteessaa ta’uu ibsuun, wayita walitti bu’iinsa lammiilee miidhaman deebisanii dandamachiisuu fi bu’uuraalee misoomaa manca’an ijaaruuf gaheen biyyootaa tumsitootaa olaanaa ta’u ibsuu ragaan mana marichaarraa argamee ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment