Finfinnee, Sadaasa 3, 2014 (FBC)- Niwuuzlaand Marii hidha haaromsaa qindeessummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamu bu’aa argamsiisa jettee kan amantu ta’uu Ityoophiyaa fi Gamtaa Afrikaatti Ambaasaaddarri Niwuuzlaand Miikaa’el Aptan ibsaniiru.
Ambaasaaddar Miikaa’el Aptan Ministira Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’ataniiru.
Marichaan Niwuuzlaand hidha haaromsaa ilaalchisee mariin qindessummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamu bu’aa argamsiisa jettee kan amantuu fi kan deeggartu ta’uu Ambaasaddarichi kaasaniiru.
Niwuuzlaand fuula duratti galma hanga kaarboonii gadi lakkisuu zeeroorraan ga’uu milkeessuuf gama Gamtaa Afrikaatiin deeggarsa maallaqaa taasisuuf karoorsuu fi biyyoota irraa fayyadaman keessaa Ityoophiyaan tokko ta’uu ibsaniiru.
Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa gamasaaniin, hoggansa Muummee Ministiraa Abiy Ahimadiin waggoota lamaan darbanitti biqiltuuwwan biiliyoonaan lakkawwaman dhaabamuu ibsaniiru.
Kunis laga Abbaay dabalatee nageenyummaa laggeen biyyattii eeguu kan dandeessisu ta’uu kaasaniiru.
Faayidaa hidhi haaromsaa Sudaanii fi Gibtsiif qabu Ambaasaaddarichaaf ibsaniiru.
Marichaan hojiilee fuula duratti waliin hojjetan misooma humna haaromsaa, Bishaanii fi Saaniteeshinii, Hongee, Eegumsaa fi Kunuunsa naannoo akkasumas Jijjiirama qabeeenya qilleensaarratti mari’achuu ragaan Ministeera Bishaanii fi Inarjiirraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.