Neemaar midhama isa mudateen baatiwwan 8 -10 dirreerraa fagaachuu danda’a jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2016 (FBC) – Taphataan sarara fulduraa garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Biraaziil Neemaar Juuniiyer midhama isa mudateen baatiwwan 8-10 dirreerraa fagaachuu akka danda’u ibsameera.

Oduun kun Kilaba Saa’ud Arabiyaa Al Hiilaaliif oduu gaddaa ta’uu ibsameera.

Taphataan umrii waggaa 31 kun tapha gulaallii Waancaa Addunyaa gareen biyyaalessa Biraaziil Uraagaay waliin taasisuun goolii 2 fi 0n injifatamte irratti miidhaa cimaaf saaxilamuu himameera.

Miidhaan isa mudate yaala baqaqsanii yaaluun kan barbaachisu yoo ta’uu, fayyuuf baatiwwan 8 -10 itti fudhachuu danda’a jedhamuu BBCn gabaaseera.

Neemaar ganna kana Kilaba Faransaay PSG irraa Yuuroo miiliyoona 90 gara Kilaba Saa’ud Arabiyaa Al Hiilaaliitti imaluun kan yaadatmuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment