NATOn shaakala Qindaa’aa humna qilleensaa seenaa isaa keessatti isa guddaa gaggeessuufi

Finfinnee, Eebla 2, 2015 (FBC) –Dhaabbanni Waadaa Waraanaa Kaaba Atilaantik NATOn shaakala Qindaa’aa humna qilleensaa seenaa isaa keessatti isa guddaa ta’e biyyoota miseensa gamtichaatti gaggeessuuf ta’uu gabaafame.

Shaakalichi hoggantoota Raayyaa Ittisaa Jarmaniin kan durfamu yoo ta’uu, loltoota kuma 10 fi Xiyyaaroota waraanaa 220 kan hirmaachisu ta’uu eerameera.

Shaakalichi naannawaa Qilleensaa Ardii Awurooppaa keessatti kan gaggeeffamu yoo ta’u,Xiyyaaroonni 100 ta’an kan Ameerikaa ta’uu himameera.

Harki caalu Naannawaa Qilleensaa Jarman keessatti gaggeeffama jedhame.

Shaakalichi Bara Fanjootaa 2023 baatii Waxabajjii gaafa guyyaa 12 fi 24 gidduutti kan eegalu ta’uu eerameera.

Dhiyeenya miseensa dhaabbatichaa kan taate Fiinlaandi dabalatee walii gala biyyoonni 24 shaakalicha keessatti ni hirmaatu jedhamuu RT gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment