NATOn gaaffii miseensummaa Yuukreen yeroof kuffisuun Zeleniskiin dheekkamsiise

Finfinnee, Adoolessa 5, 2015 (FBC) – Dhaabbanni Waadaa Waraana Kaaba Atileentiki gaaffii Yuukreen miseensa dhaabbatichaa ta’uuf dhiyeessite yeroof kan hin fudhanne ta’uu beeksise.

Hoggantoonni NATO gaaffiin Yuukreen dhiyeessite gara fuulduraatti kan ilaallamu ta’uu ibsaniiru.

Haalichi Pireezidaantii biyyattii Vooloodimiir Zeleniskii dheekkamsiisuu Al Jaziiraan gabaaseera.

Biyyoonni Miseensa NATO kaleessaa eegalee guyyoota lamaaf Magaalaa guddittii Liituniyaa Viilniiyesitti yaa’ii gaggeessuu eegalaniiru.

Hoggantoonni biyyoota miseensa Dhaabbatichaa Yuukreen gara fuulduraa dhaabbatichatti makamuun qabatamaadha, yoom akka ta’e garuu ammatti hin beekkamne jedhaniiru.

Yaa’ii Viilniiyesirratti kan hirmaatan Pireezidaanti Zeleniskiin haalicha fudhachuun itti ulfaachuu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment