‘Nasan’ xiyyaar samii haraa odeeffaanno naannoo aduun sassaabuu gara hawaatti erguufi

Finfinnee. Amajjii 20, 2012 (FBC) – Dhaabbanni qorannoo hawwaa Ameerikaa (Nasa) odeeffannoo naannoo aduun jiru kan saassaabdu xiyyaar samii haaraa gara hawaatti akka ergu beeksiseera.

‘Nasa’ fi dhaabbanni qorannoo hawwaa Awurooppaa wal ta’uun gara hawaatti xiyyaar samii odeeffaannoo haalaa aduu kaaba fi kibbaa Waaltii jiru suuraa odeeffannicha agarsiisuu gara lafaatti ni ergitin jedhamee eegama.

Kanarra darbe haalaa aduu kaaba fi kibba Waaltii irraa odeeffanno haaraa ni sassaabdi jedhamee eegama.

Odeeffannicha qorattoonni damichaa dambaaliin naannoo aduu osoo hin mul’atin dura dursinii ariitiin akka raagaan ni gargaara jedhameera .

xiyyaar samiichi baatii Guraandhala dhufuu gara hawaatti kan ergamu yoo ta’u, aduurra fageenya maayila miiliyoona 26 irratti kan naannooftu ta’uu himameera.

Maddi:- Daily Mail

                     

Comments (0)
Add Comment