Naqamteetti Warshaan Daabboo Waajjiraa Giiftii Dureen ijaarame eebbifame

Finfinnee, Adoolessa 25, 2016 (FBC)-Warshaan Daboo fi Daakuu Waajjira Giiftii Dureen Magaalaa Naqamteetti ijaarame eebbifameera.

Sirna Eebbichaarratti Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoo, Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa dabalatee qondaaltonni biroon argamaniiru.

Warshichi guyyatti daakuu kuntalaa 420 olii fi Daabboo kuma 300 kan oomishu ta’uun eerameera.

Dabalataan carraa hojii dargaggoota 300 oliif ni uuma Jedhameera.

Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment