Namtichi qajeelfama labsii yeroo ariifachiisaa darbuun gaa’ela intalaa raawwate to’atame

Finfinnee, Eebila 15, 2012 (FBC) – Naannoo Amaaraa godina Shawaa Kaabaa aanaa Miidaa Oromootti namtichi qajeelfama labsii yeroo ariifachiisaa darbuun gaa’ela intala isaa raawwate to’atame.
 
Miseensi poolisii aanichaa qajeelfama labsii yeroo hatattamaa darbuun gaa’ela intala isaa raawwate guyyaa kaleessaa to’annoo jala ooluu isaa ibsameera.
 
Godinichaatti jiraattoonni gaa’ela qaban hundi gaa’ela akka hin raawwannee fi yoo hin taane ammoo miseensotuma maatii giddutti qofa akka raawwatan ajajni darbuu isaa itti gaafatamaan Qajeelcha Poolisii godinichaa Komaandar Isheetuu Geetachaw ibsaniiru.
 
Yaa ta’uutii miseensi poolisii kun gaa’ela kana akka hin raawwanne irra deddeebiin itti himamus sirni koo na jala bada jechuun gaa’ela intala isaa gaggeessera jedhan.
 
Qajeelfama labsii yeroo hatattamaa darbuu isaan to’annoo jala ooluu isaa itti gaafataman Buufata Poolisii aanichaa Inispeektara olaanaan Balaynahi Hayiluun dubbataniiru.
 
Erga miseensi poolisii kun to’annoo jala oolanii naannichaatti gaa’eloonni hedduun qophiira turan haqamuu isaanii ibsaniiru.
 
Qajeelfamni labsii yeroo ariifachiisaa sadarkaa biyyaatti erga labsamee caasaaleen nageenya hojiirra akka oolchan qajeelfamni cimaan darbuu Komaadar Isheetuun ibsaniiru.
 
Haaluma kanaan hojiin seera kabachisuun xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu himameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment