Namoota yakka shororkeessummaan shakkaman 24 irratti himanni baname

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2015 (FBC) – Namoota yakka shororkeessummaan shakkamuun Komishiniin Poolisii Federaalaa dameen qorannooo yakka shororkeessummaa qorannoo irratti gaggeessaa ture 24 irratti himanni banameera.

Ministeera Haqaatti Daayrektoreetiin Abbaa Alangaa Yakkoota Gurmaa’aa fi Daangaa Ce’aa namoota kanneenirratti himata baneera.

Dooktar Wandasan Asaffaa, Maskaram Abarraa, Dooktar Masarat Qalamawarqi,Gargaaraa Piroofeesaraa Sisaay Awugichaaw, Daawwit Bagaashaw, Gannat Asmaamaaw, Gobozee Sisaay dabalatee shakkamtoota 24 irratti himanni banameera.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddiin 3ffaa Lidaataa Dhaddachi dhimmoota farra shororkeessummaa himaticha ilaaluuf moggaafamee ture.

Yaa ta’utii abbaan Alangaa himanni Abbootii seeraa dhaddachichaaf dhiyeesse ragaa guutuu qabu guutumaan guutuutti guuttamuu dhabuu isaan dhaddachichi beellama yeroo jijjiirraa laachuuf dirqamuu ibsameera.

Haaluma kanaan manni murtichaa dhimmicha ilaaluuf Waxabajjii 5, 2015 waaree boodatti beellameera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment