Namoota waldaalee hojii gamtaan gurmaa’uun manneen waliin jireenyaa 20/80 fi 40/60 barbaadan gara hojiitti galchuuf qophiin xumurame

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2014 (FBC) –Namoota waldaalee hojii gamtaan gurmaa’uun manneen waliin jireenyaa 20/80 fi 40/60 barbaadan gara hojiitti galchuuf qophiin xumuramuu Biiroon Misoomaa fi Bulchiinsa Manneenii magaalaa Finfinnee beeksise.

Manneen waliin jireenyaa 20/80 fi 40/60 warreen waldaan gurmaa’uun ijaaruu barbaadan gama oonlaayinii galmeessee turuu biirochi yaadachiiseera.

Biirochi manneen jireenyaa waldaan ijaaraman kanneen gara hojiitti galchuuf qophii diizaayinii, qophii lafaa fi baankiiwwan liqa kennan adda baasuun haala waldaaleen kunneen gara hojiitti galan mijeessuu beeksiseera.

Warreen kanaan dura gama oonlaayiniin galmaa’an Gurraandhala 16,2014 hanga Bitootessa 16, 2014tti raga  barbaachisaa akka guutanii fi qaamaan argamuun akka mirkaneeffataniif  biirochi gaafateera.

Warreen yeroo kaa’ame dabarsanii dhufaniif itti gaafatamummaa kan hin fudhanne ta’uu ibsuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment