Namoota qajeelfama mootummaan vaayrasii koroonaa ittisuuf baase hojiirra hin oolchinerratti tarkaanfiin ni fudhatama

Finfinnee, Bitootessa 18,2012(FBC) –Namoota qajeelfama mootummaan vaayrasii koroonaa ittisuuf baase hojiirra hin oolchinerratti tarkaanfii kan fudhatu ta’uu Poolisiin Feedaraalaa beeksisse.
 
Lammiileen biyyattii vaayrasii koronaa ittisuuf harka wal fuudhuu, waldhungachuu, waltajjii gaggeessuu, fageenya ofii eeggachuu fi tuttuqaa biroorraa akka of qusatan qajeelfamni ba’us hojiitti hiikkamaa akka hin jirre Koomiishinarri Koomishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Indashaaw Xaasaw ibsaniiru.
 
Poolisiin Federaalaa namoota qajeelfama kana hojiirra hin oolchinerratti guyyaa har’aa egalee tarkaanfii barbaachisu kan fudhatu ta’uu himaniiru.
 
Keessattuu manneen dhugaatii fi shubbisa halkaanii qajeelfamicha hojiirra hin oolchinerratti tarkaafiin kan fudhatamu ta’uu himaniiru.
 
 
Qaamoolee odeeffaannoo sobaa tatamsaasanii fi dhaabbilee sababa kanaan meeshaaleerratti daballii gatii taasisaa jiranirratis tarkaanfiin fudhatamu cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.
 
Qaamoolee odeeffannoo sobaa tamsaasaan seeratti dhiyeessuuf hojiin ragaa sassaabuu hojjetamaa jiraachuu Komishninarichi ibsaniiru.
 
Koomiishinarri Koomishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Indashaaw Xaasaw, Poolisiin federaalaa hawaasa vaayrasii kana irraa baraaruuf qophii barbaachisu taasisuu isaa himaniiru.
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment