Namoonni Konkolaachisaa ajjeesan adabbii cimaa umrii guutuun adabaman

Finfinnee Hagayya 6, 2014(FBC)- Magaalaa Finfinneetti namoonni konkolaachisaa taaksii Raayid haala suukaneessaan ajjeessan  adabbii cimaa umrii guutuun adabamaniiru.

Himatamaa1ffaan Ya’aabsiraa Salamooniifi 2ffaan Balaayinawu Nigus waayila isaanii hin to’atamiin waliin ta’uun Hagayya 6, 2012 kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftoo aanaa 12tti galgala keessaa naannoo sa’aatii 2:30 konkolaachisaa Nigus Kaffaaloo cuubeen waraanuun erga ajjeesanii booda konkolaataa viitz, bilbila moobaayilaafi kophee konkolaachisichaa walumaagala qabeenya Birrii kuma dhibba 7 fi kuma 58 fi 250tti shallagamu saamuun miliqanii turuun ibsameera.

Hordoffii poolisiin taasiseen to’annaa jala ooluun qorannoon irratti taasifamaa tureera.

Abbaa Alangaa Waliigalaatti Daayrektoreetiin Damee Dhimmoota Yakkoota Garaagaraa shakkamtoota kanneen yakka kashalabbummaa cimaa raawwatan jechuun himateera.

Himatamtoonni kunneen mana murtiitti dhiyaachuun yaada mormii isaanii kan dhiyeessan yoo ta’u, abbaan alangaa ragaalee namaafi sanadaa dhiyeessuun dhimmicharratti ibsa laachuu ragaan Ministeera Haqaarraa argame ni mul’isa.

Manni Murtii Federaalaa Ramaddii 1ffaa Lidataa dhaddacha ooleen falmii abbaa alangaa fi himatamtootaa gidduutti dhiyaate bitaa mirga ilaaluun murtee balleessummaa murteesseera.

Haaluma kanaan himatamtoonni yakka cimaa raawwataniiru jechuun tokkoon tokkoo isaanii adabbii cimaa umrii guutuun adabeera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment