Namoota gochoota Labsii yeroo Muddamaatin dhoorkaman irraa of-hin qusannee tarkaanfiin barsiisaa ta’e irratti ni fudhatama –  Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee,  Caamsaa 4, 2012(FBC)-Preezdaantin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa haasaa Gamaaggama hojii Koree taaski foorsii ittisa dhibee vaayrasii koroonaa irratti argamuun taasisaniin” Dhibeen vaayrasii koroonaa (COVID-19) ariitin dabalaa jiraachuun dhimma xiyyeefannoo guddaa barbaadudha jedhan.

 

Miidhaa COVID-19 Adunyarraan gahaa jiru osoo argan namoota Seera Labsii yeroo muddamaa keessa jiru cabsuun gochoota tatamsa’ina dhibee COVID-19 mijatu raawwatan irratti tarkaanfiin barsiisaa ta’e kan fudhatamu ta’u hubachiisaniiru.

Gama biraatin namoonni shakkamtoota dhukkuba koronaa vaayresii namoota manatti dhoksuun dhibeen kun akka babal’atu gochaa jiran irrattis tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu dubbataniiru.

 

Tatamsa’ina dhibee COVID-19 too’achuuf Iddoon gabaa wajjiin wal-qabatee sochiin jiru fooyyee qabaatus haala hammeenyaa fi amala daddarbiinsa dhukkubichaatin wal-bira yoo qabamu gahaamitis jedhan.

 

Daldaltoota daballii gatii taasisuun qaaliyinsi gabaa akka mudatu taasisuuf yaalan irrattis tarkaanfiin jalqabame haaluma wal-fakkaatun cimee kan itti fufu ta’us himaniiru.

 

Industuriin hojii dhaabuu akka hin qabne dhaamuun hojjattootaf haala ittiin dhibee of-irraa ittiin ittisan mijeessuun hojii itti fufuu akka qabus Obbo Shimallis kallattii ka’aniiru.

 

Ji’a Caamsaa wajjiin wal-qabatee sababa gogiinsaatin hanqinni bishaanii akka hin mudanneef qaamni hundi qindoominaan hojjachuu akka qabanis dhaamaniiru.

 

Akka naannoo keenyatti kufaatin diinagdee akka hin mudanneef sochiin diinagdee karaa kamiinuu dhabbachuu akka hin qabne dhaamsa dabarsan.

Hammeenyummaa fi ariitin dadarbaa jiraachuu COVID-19 dhibee balaafamaa kanaa hubachuun abbootin amantaa, ummanni bal’aani fi dhaabbileen amantaa somanaa fi salaatan ji’a Ramadaana kana keessa kadhannaa cimsuu akka qabanis Preezdaantin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dhaamsa dabarsan.

 

Sadarkaa itti aanaa Preezdaantii Mootummaa naannoo Oromiyaatti qindeessan kilaastara Hawaasummaa fi walitti qabaan Koree Taaski foorsii obbo Addisuu Araggaa ibsa yeroma kanatti miidiyaaf kennaniin hanga ammaatti hojii hubannoo uumuu mana manatti taasifameen namoota miiliyoona 33.5 bira gahuun danda’ameeras jedhan .

 

Akka Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo oromiyaa beeksiseetti iddoon gabaa 600 kan qophaa’e ta’uus himaniiru.

Hospitaalli 22 kallattii gama ittisa dhibee vaayrasii koroonaa irratti xiyyeeffannoo gochuun hojjachaa jiraachus himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment