Namoonni miiliyoonni 50 garbummaa ammayyaa jala jiru- DhMG

Finfinnee, Fulbaana 3, 2015 (FBC) – Addunyaarra namoonni miiliyoonni 50 gabrummaa ammayyaa jala jiraachuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksise.

Waggoottan dhiyoo as baayyinni namoota hojii hojjechuu hin barbaanneefi gaa’ela dirqii irratti bobba’an akkasumas rakkoolee hawaasummaa biroo keessatti argaman dabalaa dhufuu dhaabbatichi bu’aa qorannoo Dhaabbata Hojjettootaafi Godaantota Idil Addunyaa wabeeffachuun ibseera.

Xumura bara darbee namoota miiliyoona 50 keessaa walakkaa ol hojii hojjechuu hin barbaanerratti bobba’uufi warreen hafan ammoo dirqiin bultii dhaabuu bu’aan qoranichaa ifoomseera.

Bu’uura kanaan addunyaarraa namoota 150 keessaa namni 1 garbummaa ammayyaa jala kan jiru ta’uu ragaan dhaabbatichaa ni mul’isa.

Dhaabbatichi bara faranjootaa 2030tti garbummaa ammayyaafi sababoota isaaf nama saaxilan balleessuuf galma kaa’atus, bara faranjootaa 2016-2021tti baay’inni namoota hojii hin barbaanneefi gaa’ila dirqii irratti bobba’anii miiliyoona 10 dabaluu qorannichi lafa kaa’a.

Weerarri vaayirasii koroonaa, walitti bu’iinsiifi waraanni, jijjiiramni qabeenya qilleensaa, galii gadi aanaan lammiileefi godaansi jireenya namootaarratti dhiibbaa cimaan akka uumamuuf sababoota ta’uu eerameera.

Daayrektar Jeneraalli Dhaabbata Hojjettootaafi Godaantota Idil Addunyaa Gaay Raayidar, Hojii dirqiin hojjechiifamurratti xiyyeeffannoo kennan hir’isuu kaasuun, hojjetaa filachuufi to’achuurratti fooyya’iinsi akka taasifamu waamicha taasisaniiru.

Hojiin dirqamaan hojjechiifamu rakkoo biyyoota diinagdee gadi aanaa qabanii qofa jedhanii yaaduun dogoggora ta’uu eeruun, godaantonni jiraattota naannoo caalaa dacha sadiin rakkichaaf  saaxilamoo ta’uu ibsaniiru.

Saaxilamummaan dubartootaafi daa’immanii kutaalee hawaasaa biroorra olaanaa ta’uu ibsamuu Aljeezraan gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment