Namoonni miiliyoona 1.7 busaaf saaxilamuu biirichi ibse

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2017 (FBC)- Baatiiwwna 3’n darban namoonni miiliyoona 1.7 busaaf saaxilamuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.
Hogganaa Itti Aanaan Biirichaa Obbo Darajjee Abdannaa akka ibsanitti ji’oottan sadan darban weerara dhibee busaa ittisuu fi to’achuuf, tarkanfiiwwan hawaasa bu’uureeffatan hedduu fudhatamaniiru.
Tarkaanfiiwwan fudhataman cinaattis qorannoo dhiigaa namoota miiliyoona 3 fi kuma 444 ol gaggeeffamuu himanii, namoota miiliyoona 1 fi kuma 779 ol ta’an dhibee busaaf saaxilamuu himaniiru.
Namoota dhibechaaf saaxilamanis wal’aansaa fayyaa akka argatan taasifamuu dubbataniiru.
Dabalataan biiffaan keemikaalaa farra bookee busaa manneen kuma 501 fi 128 biifamuu saaphanni siree kuma 638 fi 685 rabsamuu dubbachuu ragaan Kominiikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Dhukkuboota weeraraan ka’an ittisuu fi to’achuuf, talaaliin farra kooleeraa namoota kuma 304 fi 730’f kennamuu himaniiru.
Comments (0)
Add Comment