Namoonni karaa seeraan alaa meeshaa waraanaa daddabarsaan to’ataman

Finfinnee, Amajjii 19, 2012 (FBC) – Magaalaa Gaambeellaatti namoonni lama karaa seeraan alaa meeshaa waraanaa daddarsan to’atamaniiru.

Namoonni kun meeshaa waraanaa 17 mana jireenyaa tokko keessa dhoksuun kan argaman ta’uu Poolisii Federaalaatti daayreektoreetii kutaa ajaja dhihaatti itti aanaan diiviizhinii sadaffaa Inispeektar Tafarraa Ballaxaa ibsaniiru.

Yeroo ammaa namoota kanarratti qorannoon dabalataa taasifamaa jiraachuu kan himan Inispeektar Tafarraan adeemsi qorannichaa akkuma xumurameen dhimma isaanii gara mana murtiitti akka ergamu dubbataniiru.

Daddaabrsa meeshaa waraanaa naannichatti dabalaa dhufe to’achuuf qaamolee nageenyaa naannichaa fi hawaasa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Comments (0)
Add Comment