Namoonni iddoo tursiisa addaa keessa turan 554 gara hawaasatti makaman

Finfinnee, Eebila 1, 2012 (FBC) – Namoonni iddoo tursiisa addaa keessa turan 554 vaayrasichaarraa bilisa ta’uu isaaniin gara hawaasatti makaman jedhame.
 
Guyyoota 14f iddoo tursiisaa addaa keessa kan turan namoonni 554 qorannoo taasifameefiin vaayrasii koroonaarra bilisa ta’uu isaaniitiin gara hawaasatti akka makaman godhamuu Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddaasaa ibsaniiru.
 
Namoonni kunneen yeroo gara hawaasatti makaman hawaasni loogii malee isaan simachuu akka qaban ibsaniiru.
 
Yeroo ammaa namoonni kumni 2 fi 36 iddoo tursiisa addaa keessatti ogeeyyii yaalaan hordoffiin taasimaafii akka jiru Dooktar Liyaan dubbataniiru.
 
Ityoophiyaatti namoonni alaa galan dirqamaan iddoo tursiisa addaa keessa akka turan murtaa’uun isaa weerarri dhibichaa daraan akka hin babal’anneef shoora olaanaa ba’uu isaas himaniiru.
Maddi:-TOI
Comments (0)
Add Comment