Finfinnee, Sadaasa 2, 2014 (FBC) – Hojiirra oolmaa labsii yeroo ariifachiisan shakkamtoonni ergama garee shororkeessitootaa raawwachuuf socha’aa turan to’atamuu Poolisiin beeksiise.
Itti gaafatamaan Ittisa damee yakkaa fi Itti aanaan Komishinaraa Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Malaakuu Faantaa fi Komishinarri Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Araggaaw Hojiirra oolmaa labsii yeroo ariifachiisaa fi akkaataa labsichaan oppireeshinii gaggeeffame ilaalchisee ibsa laataniiru.
Akkaataa labsii yeroo ariifachiisaan ummanni labsicha akka hubatu hawaasnii fi Poolisiin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Gareen shororkeessaa kun hanna salphaa eegalee lammiilee hirirsaa jiraachuu ibseera.
Gareen shororkeessaa ABUT kaayyoo isaa milkeessuuf hidhattoota Shanee, Qimaantii fi Gumuz qindeessuun gara giddugaleessa biyyaa naannawaa Finfinneetti walitti qabuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Gareen kun ummata fakkaatanii magaalota keessa seenuuf yaalaa jiraachuu Itti gaafatamaan Ittisa damee yakkaa fi Itti aanaan Komishinaraa Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Malaakuu Faantaan ibsaniiru.
Sochii qaamolee kanneenii qolachuuf qaamoleen nageenyaa Magaalaa Finfinnee, Oromiyaa, Eegdoonni Rippaablikaanii fi manneen hojii tika nageenyaa xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Kanaanis ergama badii raawwachuuf maallaqoota biyya keessaa fi alaa, olola sobaa, uffata seeraa qaamolee nageenyaa uffachuun namoota socha’aa turan to’achuun danda’amuu eeraniiru.
Uffataaleen seeraan Humna addaa Naannoo Tigraay, Naannoo Afaar, Poolisii Federaalaa, manneen amala sirreessaa dabalatee uffataalee kabajaa raayyaa ittisaa fakkeeffamanii wayita qophaa’aan to’atamuu himaniiru.
Maddi:-DhPI
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.