Namoonni ergama badii Alshabaab fudhachuun Ityoophiyaatti bobbaafaman 6 to’annoo jala oolaan

Finfinnee, Caamsaa 5, 2014 (FBC) – Namoonni ergama badii Alshabaab fudhachuun Ityoophiyaatti bobbaafaman 6 magaalaa Finfinnee fi Oromiyaatti to’annoo jala ooluu Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa biyyaalessaa beeksiise.

Shakkamtoonni Jafaar Yaayyaa Rabbii, Muusaa Qannaa Beenyaa, Adam Beekaa Kennasaa, Abduuraazaaq Shafii Alii, Abduul Kariim Ahimad Kushiyyee fi Zabbir Jiyaad Kadir jedhaman garee Shororkeessaa Alshabaab Somaaliyaa keessa socho’urraa ergama badii fudhachuun Gurraandha 2, 2014 eegalee yeroo garaagaraatti gara naannoo Somaalee akka seenaan taasiifamuu ibsameera.

Haleellaa shororkeessummaa raawwachuuf leenjiwwan garaagaaraa baatii 3f leenji’aa turuu Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa biyyaalessaa ibsa Faanaa Broodkaasting Korporeetiif ergeen himeera.

Shakkamtoonni kunneen haleellaa shororkeessummaa raawwachuuf leenjii erga fudhatanii Caamsaa 3, 2014 Somaaliyaa ka’uun karaa Mooyaaleen gara Ityoophiyaa seenuun garee lamatti qoodamuun gara Jimmaa imaluuf karoorfatanii turuu ibsichi himeera.

Hidhata garichi Ityoophiyaatti qabu qorachuun tarkaanfii fudhachuuf ragaan dandeessisu erga sassaabamee booda qaamolee nageenyaa waliin oppireeshinii gaggeeffameen magaalaa Finfinnee fi Naannoo Oromiyaatti to’annoo jala oolfamuu ibseera.

Akkasumas magaalaa Finfinnee fi kutaalee biyyattii garaagaraatti haleellaa shororkeessummaa raawwachuuf qophii taasiisaa kan turan miseensoonni Alshabaab 34 qaamolee nageenyaa waliin ta’uun naannoo Somaalee fi Oromiyaatti oppireeshinii gaggeeffameenn to’annoo jala ooluu isaanii Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessa beeksiseera.

Oppireeshinii dabalataa taasifameen shakkamtoonni 11 to’atamuus eereera.

Namoonni kunneen haleellaa shororkeessummaa raawwachuuf meeshaalee waraanaa garaagaraa waliin to’annoo jala ooluun dhimmi isaanii qoratamaa jiraachuu himeera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment