Namoonni dhuunfan yakka ajjeechaa fi saamichaa cimaan shakkaman to’annoo jala oolaan

Finfinnee, Eebila 13, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti namoonni dhuunfan yakka ajjeechaa fi saamichaa cimaa raawwachuun shakkaman 70 fi yakka saamichaa raawwachuurratti argaman 34 to’annoo jala oolaan Poolisiin beeksiise.

Komishiniin Poolisii Federaalaa magaalaa Finfinnee sodaa nageenyaarra bilisa taasiisuuf komishinii magaalaa Finfinnee, raayyaa ittisaa Izzii giddugaleessaa, tajaajila tika nageenyaa fi odeeffannoo biyyaalessaa fi Komishinii Poolisii Oromiyaa waliin oppireeshinii qindaa’aa baatii tokkoof gaggeesseen bu’aa hedduun argamuu ifoomseera.

Duula qindoomaa gaggeeffameen namoota dhuunfa bifa gurmaa’een yakka ajjeechaa fi saamichaa cimaa raawwachuun shakkaman 70 fi yakka saamichaa raawwachuurratti argaman 34 to’annoo jala oolchuu ibseerz.

Namoota kaneen harkatti meeshaaleen waraanaa seeraan alaa Boombiin 4, shugguxiin 23, Kilaash Kooviin 4 fi kanneen argamuu ibsameera.

Dabataan Rasaasn Shugguxii kumni 3 fi 580, Bireenii 200, Kilaash Koovii kumni 3 fi 171, qabamuu himameera.

Doolaarri Ameerikaa kumni 8 fi 382 fi Birriin kumni dhibbi 9 fi kumni 6 fi 40 shakkamtoota kanneen waliin to’atamuu himameera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment