Namoonni dhuunfaan meeshaa Bu’uuraalee misooma Elektirikaa Birrii miliyoona 5.9 olitti tilmaamamu hatan to’ataman

Finfinnee, Eebla 4, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti namoonni dhuunfaan meeshaa Bu’uuraalee misooma Elektirikaa Birrii miiliyoona 5.9 olitti tilmaamamu hatan to’atamuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksise.

Yakki hannaa kun kutaa magaalaa Eekkaa aanaa 9 naannawaa Kotabee Mooraa Humna Elektirikaa keessatti raawwatamuu Poolisiin ibseera.

Walquunnamsiiftuun Haada Elektirikaa qabeenyummaan isaa Dhaabbata Ijaarsaa Paaworii Chaayinaa ta’e mooraa humna Elektirikaa keessa ture Birrii miiliyoona 5.9 oltti tilmaamamu hatamuu himameera.

Hordoffii Qajeelchi Poolisii kutaa magaalichaa taasiiseen namoonni yakkicha raawwatan jedhaman konkolaachisaan dhaabbitichaa tokkoo fi hojjettoonni humnaa lama to’annoo jala ooluu isaanii ibsameera.

Namoonni kunneen Bulchiinsa Magaalaa Shaggaar kutaa magaalaa Galaan meeshaalee kanneen Kiiloo giraama tokko Birrii 40tti, waliigala Birrii Kuma 64tti nama dhuunfatti gurguruu isaanii mirkanaa’eera jedhame.

Nama dhuunfaa meeshaalee kana bite dabalatee namoonni 4 to’annoo jala ooluun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu Poolisiin magaalichaa ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment